• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Lixa Harargee Aanaa Odaa Bultum irraa jaleewwan Bilxiginnaa dubartii tokko hidhaatti darbatanii qarshii 100,000 irraa saamanii gadi dhiisuun dhaga’ame

Mar 9, 2025

ONM-ABO Bitootessa 9, 2025 

Godina Lixa Harargee aanaa Odaa Bultum ganda Gaziibaa jedhamu irraa jaleewwan Bilxiginnaa akkuma argan bobba’anii uummata dararaa jiran dubartii maqaan ishee Aadde Sabboontuu jedhamtu torbee lama dura hidhaatti darbachuun erga guyyoota 10 hidhanii booda qarshii guddaa 100,000 irraa fudhachuun kan gadi dhiisan ta’uu jiraattonni gandichaa ONM’f himanii jiru.

Aadde Sabboontuun badii balleessite kan hin qabnee fi sababa “maaliif milishaan reebee humnaan qarshii nama kaffalchiisa” waan jetteef qofa ergamtoota Bilxiginnaan erga ukkaamfamtee booda, reebichi ulfaataan irratti raawwatamuun eerameera. 

Akkuma aanaa sanaatti kaffaltiin gosti adda addaa hawaasatti baay’atee waan jiruuf, uummanni ofiifuu waan nyaatee bulu dhabee rakkatu lukkeelee kanneeniif kaffaluu ifatee ittiin waldhabaa kan jiruu fi jaleewwan Bilxiginnaa immoo badii xixiqqaa hawaasa irra barbaaduun hidhaatti darbatanii qarshii gurguddaa gaafataa kan jiran ta’uun barameera.

Bu’aa dhuunfaa isaanii fi kan sirna isaanii utubu malee, waa’een saba irraa dhalatanii ija dura kan hin dhufne, namoota siyaasa kam keessaa hirmaannaa hin qabne dhiiraa fi dhalaa osoo hin jenne sobaan yakkuun erga hidhaatti darbatanii booda garmalee dararuun qarshii gurguddaa fudhatanii gadi dhiisaa jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading