ONM-ABO Bitootessa 9, 2025
Uummanni Oromoo sirna wal harkaa fuudhiinsa Baallii Abbaa Gadaa Booranaa 72’ffaa godina Boorana Bahaa aanaa Areeroo Ardaa Jilaa Badhaasaatti bifa hoo’aa ta’een jilachuu irratti argama.
Sirni Gadaa Oromoo Booranaa Bara 1456 A.L.A’tti kan haaromfame yoo ta’u Abbaa Gadaa Gadayoo Galgaloo irraa kaasee hanga ammaatti Abbaa Gadaa Guyyoo Boruu Guyyoo 72’ffaa kan bara 2025’tti waggaa 569’ffaaf osoo addaan hin citin Oromoon Booranaa sirna Gadaatiin bulaa har’a ga’eera.
Sirna wal harkaa fuudhiinsa Baallii Abbaa Gadaa 71’ffaa Kuraa Jaarsoo fi Abbaa Gadaa 72’ffaa Guyyoo Boruu gidduutti har’a Bitootessa 9, bara 2025 raawwatamu irratti, Oromoonni biyyoota akka Keeniyaa, Ugaandaa fi Taanzaaniyaa keessa jiraatan imala dheeraa deemuun jila kana irratti hirmaachaa kan jiran yoo ta’u, Oromoota, sabaa fi sablammoota kutaalee biyyattii keessa jila kana irratti argamaa jiraniin walitti tilmaamaan hirmaattonni 400,000 ol kan hirmaatan ta’uus miidiyaaleen garaa garaa gabaasaa jiru.
- Warra Jila Hoofuu
- Hoofuu Nagee! Jenne nutis gama keenyaan!





