ONM-ABO Bitootessa 10, 2025
Waraanni goleessaan impaayerattii garaa isaaf malee dantaan namoomaa fi hawaasa irraa dhalatanii isaanitti hin dhaga’amne namoota nagaa bakkoota addaa addaa irraa qabanii gara godina Lixa Shaggar aanaa Jibaatitti fiduun iddoo addaa Wiixatee jedhamuun beekamutti Bitootessa 8, 2025 namoota 16 ajjeesanii gatuu jiraattonni naannichaa ONM’tti himan.
Murni Bilxiginnaa qe’ee uummata Oromoo gaddaa fi boo’icha gochuun kan beekamu maqaa mootummaa Oromoo jedhu dahoo godhachuun faallaa sanaatiin gochi isaa ammoo duguuggaa sanyii kan bara mootota darban kamiiyyuu ta’ee hin beekne saba Oromoo irratti raawwachaa jira.
Miidiyaa of harkaa qabutti dhimma bahee akka waan gaarummaa uummata Oromoof godheetti kan hafarsu murni badiin kun, keessattuu yeroo ammaa kana gochoonni suukkanneessoon lammiilee nagaa irratti raawwatamaa jiran kan tibba kanaa ammoo kan yeroo kamiiyyuu caalaatti ulfaataa fi daran yaaddessaa ta’uu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

