ONM-ABO Bitootessa 11, 2025
Chaayinaan wal kabajuu fi walqixxummaan Kanaadaa waliin hariiroo biyyoota lamaanii guddisuu itti fufti jedhan Ministeerri Dhimma Alaa Chaayinaa erga Maark Kaarniin dorgommii paartii hogganuu fi muummicha ministeeraa Kaanaadaa itti aanu ta’uuf erga injifatanii booda.
Kaarnii, sagalee %86’n Dilbata darbe injifachuun Muummucha Ministeeraa Jastiin Tiruudiyoo kan baatii Amajjii keessa hojii gadhiise bakka bu’a.
Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Maa’oo Ning ibsa idilee gaazexeessitootaaf kennaniin, injifannoo isaanii kanaan Kaarniin baga gammaddan jechuun, Kanaadaan fooyya’iinsaa fi guddina hariiroo guddisuuf Chaayinaa waliin akka hojjettu gaafataniiru.
Injifannoon Kaarnii kun kan ta’e, Beejiing Sanbata darbe oomishaalee qonnaa fi nyaataa Kanaadaa doolaara biiliyoona 2.6 ol ta’an irratti taarifni haaraan erga ifoomee guyyaa tokko booda jechuun Rooyiters gabaaseera.

