• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Arsii Lixaa Aanaa Shanan Kooluutti milishaan Bilxiginnaa kaabinee tokko irratti ajjeechaa raawwate

Mar 11, 2025

ONM-ABO Bitootessa 11, 2025 

Gareen ofiifuu walii hin galle, dantaa fi aangoo irratti wal lolan ergamtootni Bilxiginnaa miidhaa lubbuu wal irraan ga’uu itti fufuun aanaa Shanan Kooluu magaalaa Dhummuugaa jedhamu irraa milishaan isaanii Bitootessa 8, 2025 kaabinee sirnichaa tokko irratti ajjeechaa suukkaneessaa raawwatee jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Milishaan kun osoo beekuu erga ajjeeseen booda, “akka tasaa na harkaa ba’e” jechuun waakkatee kan jiruu fi yeroo dheeraaf wal gaarreffannaa keessa turuu fi haalaan walitti  dhaadachaa kan turan ta’uu namoonni itti dhiheenyaan beekan eeranii jiru.

Ergamtoonni Bilxiginnaa akkuma waliigalaatti walii isaaniin wal shakkanii sababoota garaa garaa wal irratti funaanuu fi hidhata qaamolee siyaasaa birootti wa maxxansuun dararaa guyyaa guyyaan wal irratti raawwachuu fi ajjeechaa wal irratti raawwachuu kan heddummeessan ta’uun baramee jira.

Leave a Reply