• Wed. Nov 25th, 2026

Humnoonni Daangaa Paakistaan fi Afgaanistaan qaxxaamura daangaa ijoo irratti dhukaasa dhaabuuf walii galan

Mar 11, 2025

ONM-ABO Bitootessa 10, 2025 

Humnoonni daangaa Paakistaan ​​fi Afgaanistaan ​​Dilbata kaleessaa walitti bu’iinsa torbee 2 booda daangaa qaxxaamura ijoo ta’e irratti guyyoota lamaaf dhukaasa dhaabuuf waliigalaniiru jedhan qondaalli tokko.

Daangaan Torkiham qaxxaamuruun dhuma baatii darbee sababa waldhabdee ijaarsa buufataalee haaraa gama Afgaanistaan ​​irratti ka’een kan cufame yoo ta’u, hanga marii marsaa itti aanutti cufaa ta’ee itti fufuu himan.

Torban lamaan darban keessa yoo xiqqaate namni tokko yoo du’u, maatiin dhibbaan lakkaa’aman sababa dhukaasa cimaatiin gama lachuu irraa buqqa’aniiru.

Waliigaltichi walgahii Jirgaa ykn Gosa Daangaa Torkiham irratti kan ga’ame yoo ta’u, hoggantoonni gosaa gama lachuu irraa dhufan irratti kan hirmaatan ta’uu qondaalli olaanaa Paakistaan ​​tokko kan maqaan isaanii akka hin dhahamne barbaadan himaniiru.

Gama Afgaanistaaniin ​​jila miseensota 35 jaarsolii gosaa qabuun bakka bu’eera.

Hariiroon Paakistaan ​​fi Afgaanistaan ​​gidduu jiru Sadaasa bara 2023 irraa eegalee gufuu kan godhate yoo ta’u, Islaamaabaad namoota seeraan alaa biyya alaa, irra caalaan isaanii baqattoota Afgaanistaan ​​irratti tarkaanfii fudhachuun, gara biyyoota isaaniitti akka deebistu beeksisteetti.

Islaabaad mootummaan Kaabuul hidhattoota Paakistaan keessatti haleellaa bananiif bakka kenneef jechuun yoo himattu, mootummaan Afgaanistaan garuu himannaa kana ni haala jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply