• Thu. Nov 26th, 2026

Barsiiisota Oromoo kutaalee magaalaa Shaggar Siitii irraa barsiisan manneen barnootaa cufan irratti murtiilee dabaan karaa aangaa’ota murna PP’n darbuun dhaga’ame 

Mar 12, 2025

ONM-ABO Bitootessa 12, 2025 

Dhiibbaa fi haala jireenya barsiisotaa ilaalchisee  magaalaa Shaggar Siitii kutaalee magaalaa adda addaatti torban darbe  manneen barnootaa irraa hafuun lagannaa hojii  geggeessan hordofee aangaa’onni faashistii PP barsiista hokkora kaasuuf haala mijeessan jedhee sobaan yakke irratti murtiilee dabaa karaa koree manneen barnootaa fi qondaalota PP dabarsuun ibsameera.

Namoonni murtiilee kanneen bariisoota irratti dabarsan:

  1. Obbo Gugsaa Dajanee – Itti aanaa kantiibaa Magaalaa Shaggar
  2. Obbo Firaqiyaa Kaasahuun – itti gaafatamaa waajjira barnootaa
  3. Dr. Zarihuun Taakkalee – itti aanaa/barnootaa
  4. Obbo Fiqaaduu Tulluu – bulchaa Kooyyee Faccee
  5. Obbo Fakkutaa Gammadaa – itti gaafatamaa paartii koree mana barumsaa Kooyyee Faccee
  6. Obbo Dasaaleeny Faxxanee fi itti gaafatamtoota poolisii qorattoota yakkaa fi 

durbartoota manneen barnootaa aanaalee yoo ta’u, jarreen kunneen kallattii mirga barsiisotaa cabsuu fi Bilxiginnaa jabeessuun wal ga’anii murtoo kanneen dabarsaniidha.

Murtiileen darbe kunis:

  1. Barsiisaa/stuu rakkoo kana uumuu keessatti shoora qaban hamma hojii irraa ari’uutti tarkaanfiin fudhatamee magaalaaf akka gabaafamu,
  2. Manneetii barnootaa guyyoota kana lamaan kana cufaman keessatti waldaan bu’uuraa barsiisotaa itti fufuu hin qabu,
  3. Hooggansi manneen barnootaa rakkoon kun akka uumamuuf qooda fudhatan tarkaanfiin akka irratti fudhatamu,
  4. Barsiisaan hojii isaatti hin deebi’in haala kamiinuu bakka hojii isaatti deebi’uuf mirga akka hin qabne,
  5. Barsiisota rakkoo kana uuman karaa teeknooloojiin adda baafamuun eessa illee deeme akka hin hojjeneef qaama hundaaf akka beeksifamu, 
  6. Qaamni ala taa’ee barsiisaan hojii isaa idilee akka hin hojjenneef hojii gufachiisaa jiru kan toora teeknooloojiin adda baafamee iddoo jirutti too’annoo seeraa jala oolfamee itti gaafatamu akka qabuu fi 
  7. Warra gaaffii gaafatan hojii irraa ari’aa karaa seeraa gaafachuu qaba jechuu soba isaanii murtee godhanii turuun barameera.

Leave a Reply