ONM-ABO Bitootessa 11, 2025
Arsii Bahaa aanaa Asakoo ganda Biyyoo fi Dirree Odaa jedhamuun beekamutti waraanni faashistiin PP dargaggoota abdii borii ta’an 2 rasaasaan rukutuun Sulxaan Ibraahimii kan jedhamu battalatti lubbuun yoo darbu, Gannaa Haajii kan jedhamu ammoo madoo ulfaataa isarra gaheen yeroo ammaa du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu maddeen naannichaa ONM’tti himan.
Akka maddeen jedhanitti dargaggoonni kunneen badii tokkollee kan hin dalagnee fi dhaaba siyaasaa kamiyyuu kan hin deggerre ta’uu ibsuun, akkuma aanichaatti ajjeechaa fi dararaan sababa Oromoo ta’uu keenyaa qofaaf nu irratti geggeeffamaa jira Jechuun yaada isaanii itti dabaluun ONM’f ibsanii jiru.
Uummata nagaa ajjeesuu fi dararuun jabinaa fi gootummaa kan isatti fakkaatu sirni garboomfataan Impaayera Itiyoophiyaa, akkuma baratamee fi aadeffannaa abbootii isaanii irraa dhaalanii sana har’as uummata Oromoo akka baala mukaatti gad harcaasaa jiru.

