• Wed. Nov 25th, 2026

Lixa Wallaggaa Aanaa Begiitti ajjeechaan waraana garboomfataa PP’n namoota lama irratti raawwachuun himame 

Mar 12, 2025

ONM-ABO Bitootessa 12, 2025 

Jiraataa aanaa Begii ganda Dhallaadduu Wabaaraa kan ta’e Obbo Habtamuu Mitikkuu Waraana garboomfataa PP’n yakka tokko malee maqaa hirmaannaa siyaasaa taasiste jedhuun torban lamaan dura ukkaamfamee mooraa Shaashii  jedhamutti hidhamuu jiraattonni ONM’tti himan.

Obbo Habtaamuun akkuma hidhameen waraana sirnichaan hidhaa irraa baafamuuf qarshii 200,000 gaafatamee maatiin isaas lubbuu oolchuuf maallaqa gaafataman akka kaffalan jiraattonni kan himan, garuu waraanni lubbuu baasuu malee goonkumaa lubbuu ilma namaaf naasuu hin qabne qarshiis erga fudhatanii booda Bitootessa 10, 2025 galgala irraa mana hidhaa keessaa baasuun rasaasa itti roobsanii ajjeesuu jiraattonni himaniiru.

Kana malees jiraataa ganda Fongoo Waabaraa kan ta’e  Obbo Jimaaloo Liddii maqaa ilma keetu hidhatee nu lolaa jira jedhuun halkan keessaa toora sa’a 2:30’tti gara jabeeyyiin loltoota Bilxiginnaa ajjeesanii akka gatan ONM odeeffateera.

Gochi ajjeechaa fi dararaa onichatti haalaan jabaatee kan itti fufee jiru yoo ta’u, waraanni ilma namaaf kabajaa fi naamusa tokkollee goonkumaa hin qabne ajjeesuu akka tooftaa waraanaatti fudhatee kan socho’aa jiru ta’us murni sobni hojii isaa ta’e garuu waraana nagaa beeku, biyya kabaju ijaarra jedhus lafa irratti warra ilmaan namootaa bu’aa siyaasaa fi barcuma Abiy Ahimed tiksuuf fixantu bakka hundaa socho’aa jira.

Leave a Reply