• Tue. Nov 24th, 2026

Arsii Bahaa Aanaa Martii keessatti dararaan ergamtoota murna PP’n uummata irratti jabaatee jiraachuun himame

Mar 13, 2025

ONM-ABO Bitootessa 12, 2025 

Aanaa Martii magaalaa Abboomsaa keessatti Bitootessa 3,2025 irraa eegalee hanga Bitootessa 11, 2025 hawaasni gandoota hundaa irraa magaalaa dhaqan meeshaalee bitachuu akkasumas midhaan nyaataa baabura geessan akka hin daakkanne dhorkamuun maatii waan nyaachifatan dhabanii rakkataa jiru. Kana malees loltoonni sirnichaa maqaa sakattaa WBO jedhuun bobba’an  ganda Wataroo Diinoo, iddoo addaa Ardaa Ittisaa, Haroorettii, Balaaduu, Diinoo fi Xenxichoo keessatti midhaan uummataa ooyiruu irra jiru balleessuun qonnaan bultoota harka duwwaatti hambisanii jiraachuu maddeen dabalataan ibsanii jiru.

Dararaa hamaa eegdota murna PP’n irratti raawwatu keessummeessaa kan oolu uummanni Oromoo ammas yakka dalageef osoo hin taane Oromoo ta’ee jiraachuun isaa yakka itti ta’uun guyyuu tiksitoota sirna Bilxiginnaan ba’aa gala dhorkamuu, qabeenyi isaa manca’uu fi irraa godaansifamuun maatii jiraachifachuun hafee ofiif nyaatanii buluun itti ulfaatee jira.

Akka guutuu Oromiyaatti saamtotaa fi shiftoota murna PP’n uummanni Oromoo yakkoota hamminaan guutamaniin qabeenyaa fi lubbuu ilmaan isaa dhabaa jiraachuu irra deddeebbiin gabaasaa turuun keenya kan yaadatamuudha.

Leave a Reply