• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Arsii Lixaa Aanaa Shanan Kooluutti sarbamiinsi mirgoota namoomaa waraana faashistii PP’n jabaatee itti fufe

Mar 14, 2025

ONM-ABO Bitootessa 14, 2025 

Aanaa Shanan Kooluu ganda Tulluu Qaraaruu jedhamu keessatti qaamonni impaayera Itiyoophiyaa tiksan xiqqaaf guddaa osoo hin jenne saba Oromoo akka fedhanitti gariin ajjeesuun, gariin madeessuun kaan ammoo hidhaatti galchuun dararaa jiru.

Gandicha keessatti namoonni maqaan isaanii: 

  1. Abdataa Hasanoo, 
  2. Gaaddisaa Yaayyaa, 
  3. Saadaam Ibraahim, 
  4. Shittoo Muhaammadii fi 
  5. Maashoo kanneen jedhaman rasaasaan kan madaa’an oggaa ta’u, 

kanneen lubbuun darban ammoo: 

  1. haadha daa’imaa kan taate Aashaa Abdallaa, 
  2. Tuujii Idirisii fi 
  3. Ahimadoo Hasanoo kanneen jedhaman ta’uu maddeen ONM’f gabaasanii jiru.

Namoonni kunneen Oromummaa isaanii qofaan yakkamuun haala suukkanneessaan gochi kun irratti raawwachuu fi diinonni kunis murna tokko kabachiisuuf jecha uummata nagaa jumlaan duguugaa jiraachuu odeessi jiraattota gandichaa irraa ONM dhaqqabe ni addeessa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading