• Tue. Nov 24th, 2026

Hidhaan jiraattota Godina Baalee Lixaa Aanaa Agarfaa irratti waraana faashistii PP’n jabaachuun ibsame 

Mar 15, 2025

ONM-ABO Bitootessa 15, 2025 

Murni Bilxiginnaa qe’ee uummata Oromoo mancaasuu, namoota nagaa jumlaan hidhuu fi dararaa yeroo yeroon geggeessuu cimsee itti fufuun, addattuu yeroo ammaa godina Baalee Lixaa aanaa Agarfaatti namoota bahaa fi gala dhorkee hiraarsaa jiraachuu ONM odeeffateera.

Bifuma kanaanis waraanni sirnichaa kanneen namaaf naatoo hin qabne aanaa Agarfaa ganda Shannakkaa jedhamu keessatti maatii tokko guutuu qe’ee isaanii mancaasuun Bitootessa 8, 2025 ilmaan isaanii immoo mana hidhaatti galchanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Miseensonni maatii hidhamanii kunneenis:

  1. Abdii Ibraahim kaliil,
  2. Maaybee Ibraahim Kaliil,
  3. Saadaam Ibraahim Kaliil fi 
  4. Iskaandar Ibraahim Kaliil kanneen jedhaman Oromummaa isaanii qofaaf akka hidhan beekameera.

Kana malees ganda Heerootti namni maqaan isaa Abdurramaan Qaasim jedhamu sababa sobaa “ati WBO deggerta “jedhuun  ukkaamfamee yeroo ammaa aanaa Gannaaleetti hidhamee jiraachuun ibsameera.

Baalee keessatti dhuma waggaa darbee kaabinootni Bilxiginnaa maqaa uummataan koloneel Abiy Ahimed’f ambaasaaddara nageenya Itiyoophiyaati jechuun bifa badhaasaatiin farda kan kenniteef yoo ta’u, har’a garuu faallaa badhaasa isaa namoota jumlaan hidhuu, achi buutee dhabamsiisuu fi gochootni qabeenya qonnaan bultootaa mancaasuu irratti raawwataa jira.

Leave a Reply