• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Arsii Aanaa Siraarootti lukkeeleen Bilxiginnaa jiraattota saamuu fi mana hidhaatti hidhamtoota dararuun himame

Mar 16, 2025

ONM-ABO Bitootessa 16, 2025 

Arsii Lixaa aanaa Siraaroo ganda Lokkee Adaa jedhamutti kan bobbaafaman loltoonni faashistii PP maqaa gosa kaffaltii adda addaan hawaasa nagaa saamuu cimsuun Bitootessa 14, 2025 jiraattota hunda irraa qarshii 200 dirqamaan guuraa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.

Loltoonni Bilxiginnaa gandicha keessatti nagahee tokko malee qarshii funaanaa kan jiran yoo ta’u, “liqii fuunee sangaa binnee ittiin waajjira gandaa eebbisiifne waan ta’eef, liqii kana galchina” maqaa jedhu da’oo godhachuun, saamaa kan jiran ta’uun dabalataan ibsamee jira. 

Aanaadhuma kana magaalaa Lokkee ganda 01 keessaa kana dura nama dhibee sukkaaraa qabu kan maqaan isaa Abbuu Tilintii jedhamu sababa hin beekamneen ”haala yerooti” jechuudhaan hidhuun dararaa kan turan yeroo ammaa mana hidhaa keessatti dhukkubsachuun hospitaala naannoo jiru irraa dadhabame gara hospitaala Asallaatti dabarfamuu isaa gabaasni ONM dhaqqabe ni ifoomsa.

Lukkeeleen Bilxiginnaa waa’ee saba isaanii fayyaduu caalaa, dantaa dhuunfaa garaa isaanii fi barcuma Koloneel Abiy Ahimed tiksuuf roga isaaniif mijate hundaan ilmaan Oromoo garmalee hiraarsuu itti fufanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading