• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abbaay Coomman keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhaatti guuruu cimsanii itti fufan

Mar 16, 2025

ONM-ABO Bitootessa 16, 2025.

Aanaa Abbaay Coomman ganda Hoomaa Kulkulaa jedhamu keessaa Bitootessa 12, 2025 haadha ilmaan 6 kan taate nama maqaan ishee Aadde Hawwii Kabaa jedhamtu ergamtoonni sirnichaa maqaa “abbaa warraa keetu bosona jira” jedhuun badii tokko malee daa’imman ishee irraa qabuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Aadde Hawwiin yakka tokkollee kan hin qabnee fi hawaasa naannoo biratti  jaallatamummaa guddaa kan qabdu oggaa taatu, armaan duras abbaan warraa kee miseensa WBO’ti, bakka inni jiruu galchuu qabda jechuun baatii 5 hidhanii kan gadi lakkisan ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Itti dabaluunis bulchaa gandichaa kan ta’e, namni maqaan isaa Abbabaa Zallaqaa jedhamu sababoota garaa garaa itti maxxansuun jiraattota humnaa ol hiraarsaa kan jiru ta’uun ibsameera.

Guutuu Oromiyaatti maatiin qabsaa’otaa maqaa ilmaan Waraana Bilisummaa Oromoo keessaa qabdu isaantu haleellaa nu irratti raawwachaa jira jedhuun haawwan gudeedamaa, obboleeyyanii fi abbaan ajjeefamuun aadeeffatameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading