ONM-ABO Bitootessa 15, 2025
Impaayerri Itiyoophiyaa nagaa fi tasgabbii sabaa fi sab-lammootaa jalaa booressee dirree wal waraansi guute keessatti uummattoota bulchuuf jecha humnoota waraanaa kuma dhibbootaan taayitaa isaa tiksan ijaaraa kan jiru oggaa ta’u, kanneen dhiibbaan wal waraansaan dhufu maal akka ta’e hubatanii fi shira akkasumas dhiibbaa akkas sabaatti sirnichi gochaa jiru galteef ammoo sirna cubbuu hin utubnu jechuun mooraa faashistii PP gananii guyyuu WBO’tti makamaa jiru.
Akkuma kanaanis tibba wal gaarreffannaan humnoota Kaaba impaayerattii fi murna garboomfataa PP gidduutti bifa haarawaan duumessaayee mul’achaa jirutti ilmaan Oromoo murna nam-tokkee eeguuf irbaata rasaasaa hin taanu jechuun mooraa PP gananii WBO’tti makamuu jabeessuun, naannoo Beenishaangul Gumuz aanaa Bildigiluu mooraa waraanaa Daalattii irraa kaleessa Bitootessa 14, 2025 miseensonni waraana Raayyaa ittisa impaayerattii sadii mooricha keessaa miliquun WBO’tti makamuun ibsameera.
Dibbee waraanaa angaa’onni faashistii PP tumaa turaniif ilmaan Oromoo gatii qaalii kaffalaa turuus kan himan loltoonni murna faashistii PP duraanii kunneen, har’as dhiiga lammiilee qulqulluu dhangalaasuuf adeemsa murni Bilxiginnaa deemaa akka jiru ONM’f yaada isaanii qoodaniiru.
Yeroo itti impaayerattiin daranuu dirree jeequmsaa taatee jirtu kanatti ilmaan Oromoo meeshaa garboomfataa baatanii beenyaa tokko malee lubbuu dhabaa jiranis, lola isaan hin ilaallannetti hirmaatanii aarsaa lubbuu kaffaluu irra yeroon keessaa falatanii abdii fi gaaddisa sabaa WBO waliin hiriiruu akka qabaniifis dhaamsa dabarsaniifii jiru.

