ONM-ABO Bitootessa 17, 2025
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo ganda Rifeentii Gabar bakka addaa Haroo Suphee ykn Gabaa Sambataa jedhamee waamamu kan jiraatan jaleewwan Bilxiginnaa, hidhattoota Amaaraa kanneen gara jabina guddaa fi haala suukkaneessaa hanga morma muruutti ilmaan Oromoo duguugaa jiran gargaaraa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Gandicha keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa ijaa fi gurra finxaaleeyyii Amaaraa ta’uun tajaajilaa jiran namoota maqaan isaanii:
- Tewwee Qinaaxxii,
- Wandimmuu Fufaa,
- Dinqaa Gammachuu,
- Gammachuu Tarfaa jedhamanii fi
kanneen biroo danuun waan qabanii fi danda’an maraan “isin waliin jirra” jechuuniin, haala naannoo gandichaa hordofuu fi eeruu isaaf kennuun haala dhiheessii hunda mijeessaniifii gargaaraa kan jiran ta’uun himamee jira.
Gammachuu Tarfaa fi Dinqaa Gammachuu abbaa fi ilma yoo ta’an, namoota addatti hidhattoota Amaaraa waliin hariiroo qabanii fi qorichoota hawaasa Oromoof dhufu itti gurgurachuun bu’aa dhuunfaa irraa argataa kan jiran ta’uun hawaasni Oromoo gandicha keessa jiraatu garmalee yaaddoo hamaaf saaxilamuun baramee jira.


