• Thu. Nov 26th, 2026

Chaayinaan erga gareen finciltootaa Huutii haleellaa xiyyaara Ameerikaa irratti raawwatee booda rakkoon kun akka ‘Marii’ dhumu dhaamte

Mar 18, 2025

ONM-ABO Bitootessa 18, 2025 

Chaayinaan Wiixata kaleessaa  wal dhabdee galaana diimaa keessatti mul’ate akka furamuuf mareef waamicha kan taasiste yoo ta’u, kunis erga Huutiin Iraan deggaramu sa’aatii 24 keessatti garee xiyyaara Ameerikaa yeroo lama haleeleen booda.

Dubbi himtuun Ministeera Dhimma Alaa Maa’oo Ning ibsa yeroo yeroon kennaniin, “Chaayinaan tarkaanfii haala galaana diimaa keessatti hammeesse kamiyyuu ni mormiti” jechuun dubbatan.

“Haleellaan Huutiin kun  haleellaa cimaa Ameerikaan raawwatte haaloo bahuu akka ta’e dubbataniiru.

Gareen kun jalqaba irratti misaa’ela 18 fi diroonii tokkoon Galaana Diimaa keessatti doonii Ameerikaa Xiyyaara baatu irratti akka jalqaban himuun sa’aatii muraasa booda marsaa lammaffaaf dhukaasu  isaanii himaniiru.

Waashingitan hanga Huutiin doonii galaana diimaa keessa socho’u haleellaa raawwatu dhaabutti Yaman rukutuu itti fufuu dhaadatteetti. 

Beejiing Wiixata kaleessaa irra deebiin dippilomaasiin waldhabdee kana furuuf waamicha dhiyeessiteetti jechuun AFP’n Beejiing irraa gabaaseera.

Leave a Reply