• Tue. Nov 24th, 2026

Lixa Wallaggaa Aanaa Qondaalaa keessatti waraanni maafiyaan PP nama tokko rasaasa itti roobsuun ajjeesuun dhaga’ame

Mar 18, 2025

ONM-ABO Bitootessa 17, 2025 

Aanaa Qondaalaa ganda Oophaa Qaashimaandoo keessatti Bitootessa 15, 2025 dhalataa ganda Kollii Seedee kan ta’e nama maqaan isaa Jibriil Maammud Obsee jedhamu osoo inni lafa hojii isaa deemaa jiruu goolessitoonni sirnichaa daandii gubbaa irraa qabuun balleessaa tokko malee Oromummaa isaa qofaan yakkanii ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasan.

Lubbuu fi qabeenya ilmaan Oromoo mancaasaa kan oolan ergamtoonni murna PP ajaja koloneel Abiy Ahimediin Oromiyaa cufa keessatti babba’anii teessoo sirnichaa eeguuf mirga uummataa sarbanii dararaa hamaa irratti raawwachuun ilmaan Oromoo bahaa fi gala dhorkanii onicha keessatti saamicha daangaa darbee fi hidhaas geggeessaa jiraachuu jiraattonni dubbatu.

Impaayera Itiyoophiyaa lubbuun ilma namaa gatii hin qabne keessatti murni Bilxiginnaa ammoo kan duraan barameen olitti sarbamiinsa mirga namoomaa uummata irratti hammeessuun, duguuggaa sanyii labsee guyyaa dhufee darbuun dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaassisuun reeffa namootaa bineensa sooraa oola.

Leave a Reply