• Thu. Nov 26th, 2026

Naannoo Gambeelaa keessatti ajajoota dabalatee waraanni raayyaa ittisa impaayerattii baay’inaan 23 ta’an kan hidhaman oggaa ta’u kanneen baay’inaan 5 ta’an irratti adabni du’aa kan murame yoo ta’u, achi keessaa loltootni 2 baduu dhaga’ame 

Mar 18, 2025

ONM-ABO Bitootessa 17, 2025 

Kutaa waraanaa 35’ffaa kan raayyaa ittisa Impaayerittii keessatti miseensota waraanaa fi hooggantoota dabalatee namoonni baay’inaan 23 ta’an  mooraa waraanaa Ochaam naannoo Gambeelaatti argamutti hidhamanii akka jiran odeessi achii arganne ni addeessa.

Loltoonni hidhaman kunneen kutaa waraanaa 35’ffaa keessatti qooda fudhatummaa ajajaa 100 tokkoo fi 10 tokko, akkasumas miseensota 21 kan keessatti argaman yoo ta’u, isaan keessaas namoonni shan  maqaa gantummaan  murtiin ajjeechaa hoggansa kutaa waraanaa 35’ffaa kan godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo magaalaa Muggii jiraatuun irratti darbee jira. 

Isaan keessaa namoonni lama Jimaata ganama sa’a 12:00’tti mooricha cabsanii miliquun Oromiyaa seenanii WBO’tti harka kennachuun beekameera.

Wayiita loltoonni lamaan mooricha cabsuun miliqan sanattis dhukaasni guddaan mooraa Ochaam keessatti ta’uu loltootni ba’an kun himuun, eegdonni mooraa sanaas namoonni sadii battala loltoonni laman miliqanittis ukkaamfamuun ibsameera.

Miseensonni waraanaa mooraa Ochaam keessatti hidhamanii jiranis maqaan isaanii:

  1. Olaanaa,
  2. Mitikkuu,
  3. Yaasiin,
  4. Ibraahim,
  5. Abdii,
  6. Geexee,
  7. Masqalee,
  8. Nuraamiin,
  9. Ahimaddiin,
  10. Makuraa,
  11. Yaaloo,
  12. Ayyaanoo,
  13. Balistii,
  14. Asheetuu,
  15. Furaa,
  16. Musxafaa Margaa,
  17. Abbuush,
  18. Muraad,
  19. Sintaayyoo,
  20. Riyaad, 
  21. Hambassee Badhaasoo fi lama kan ammaaf maqaan nu hin geenye dabalatee hidhamanii akka jiran  eerameera.

Dhalootaan godina Jimmaa Abbaa Jifaar kan ta’e miseensi loltuu raayyaa ittisa impaayerattii kanneen hidhaman keessatti argamu  Riyaad, aanaa Anfilloo ganda Seertuum jedhamutti ajjeechaa qeerroo irratti raawwachuu dhiiste jechuun loltootuma sirnichaan rukutamee yeroo dheeraaf madoo ulfaataan mooricha keessatti hidhamee dararamaa akka jirus beekameera.

Leave a Reply