• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Yamaaloogii Walalitti loltoonni maafiyaan PP jiraattota ukkaamsuun leenjii waraanaatti erguu cimsanii itti fufan

Mar 20, 2025

ONM-ABO Bitootessa 18, 2025 

Erga qabsoo qeerroo fi qarree Oromoo booda irra uummata Oromoo hunda hirmaachiseen bu’aa siyaasaa argame butee aangootti ol ba’ee murni Bilxiginnaa, aangoo isaa tikfachuuf ilmaan Oromoo jireenyaa fi hojii isaanii irraa humnaan qabee gara leenjii waraanummaatti guuraa jira.

Qellem Wallaggaa aanaa Yamaaloogii Walal ganda  Baabboo Cabal bakka addaa Baabboo jedhamu irraa milishoonni sirnichaa Bitootessa 17, 2025 uummata nagaa qe’ee fi maatii isaanii waliin  jiraatan kanneen fedhii waraana ta’uu hin qabne milishummaaf fi raayyaa Ittisa impaayerattiif leenjitu jedhuun afaan qawweetti dhimma bahanii namoota hedduu ukkaamsuu jiraattonni naannichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan

Abdii kutannaa fi raafama ulfaataa keessa galee kan jiru murni Bilxiginnaa addatti immoo yeroo ammaa kana sababa lola Kaaba impaayerattiif sodaa fi yaaddoo guddaa keessa seenee barcuma isaa tikfachuuf uummata walitti guuruun  maqaa leenjii waraanaa jedhuun bifa haaraan ukkaamsanii humnaan gara leenjii waraanaatti erguun cimee itti fufee jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Yeroo ammaa ragaalee saatalaayitii fi dippilomaatota waabeffachuun gabaasalee lola Itiyoophiyaa fi Eertiraa gidduutti ni ka’a jedhanii maxxansaaleen adda addaa gabaasanii fi qondaaltotni Bilxiginnaa dirqama olaanaa fi biraaf of qopheessaa jechaa jiraniin maatiin ilmaanii fi abbaa warraa jal’atu dirqiin dhabaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply