ONM-ABO Bitootessa 22, 2025
Gara jabeeyyiin loltoota faashistii PP aduu dhihee bari’uun qe’ee hawaasaatti bobbaafamuun maqaa sakatta’aa WBO’n saamicha, gubaatii manneenii, namoota ukkaamsuu fi sarbamiinsa mirgoota namoomaa adda addaa raawwachaa oolan torban sadii irraa kaasuun hanga ammaatti godina Lixa Shaggar aanaa Dirree Hincinnii, Meettaa Wal-qixxee, Abuunaa Gindabarat fi kanneen birootti kutaalee waraanaa hedduu bobbaasuun hawaasa hiraarsaa jiraachuun barameera.
Duulli Giddugaleessa Oromiyaa keessaa Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuu jedhu waraana faashistii PP fi gantoota mooraa WBO keessaa ganuun sirnicha keessatti hojiilee basaasummaa fi lubbuu hawaasa nagaa balleessuu akkasumas manneen hidhaatti guursisuu kunis irra caalaatti hawaasa hariiroo WBO qabu jedhanii shakkanii fi maatii qabsaa’otaa irratti fuulleffatee kan jiru yoo ta’u, yeroo ammaas hawaasni qe’ee fi qabeenyaa gadi dhiisee baqachaa jiraachuunis ibsameera.
Namoota manatti arganis bilbila quunnamtii dirqiin itti laachuun daandii WBO’n irra darbuu fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo irra socho’u hordofuun nuuf bilbilaa jedhanii hawaasa rakkisaa jiraachuun kan beekamu oggaa ta’u, sodaa fi doorsisa sirnichaan, daa’imman, shamarranii fi haawwan kanneen manatti hafanis ooyiruutti ba’anii beeyladoota tikfachuufis ta’e naannoo keessa deemuun rakkoodhas jechuun ibsaniiru.
Waggoottan dhufaa darbaan WBO balleessineerra, kanneen hafte tokko tokko funaanuu qofaadhaa fi gara biyyoota ollaatti baqachaa jiru jechuun holola kan oofu gareen faashistii PP, duulli sakatta’aa WBO’n deemanis milkaa’uufii yeroo dadhabutti hawaasa harka duwwaatti deebi’uun miidhaa gurguddaa raawwachaa jira.



