ONM-ABO Bitootessa 20, 2025
Prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp gahee giddu galeessaa Waashingitan NATO keessatti qabdu irratti shakkii darbachuu fi dhimma Raashiyaa fi Yukireeniin wal qabatee Yukireen irratti dhiibbaa gochuun Awurooppaan akka ejjennoo ishee jijjiirtu gochaa jiru.
Biyyoonni Gamtaa Awurooppaa 27 meeshaalee baasii ittiin guddisan kennuuf jecha, Biraasilsitti ji’a kana keessa yaadota hanga Yuuroo biiliyoona 800 (Doolaara biiliyoona 875) sochoosuu danda’a jedhu ifoomseera.
Hoggantuun Komishinii Awurooppaa Ursullaa von der Leyen, “Awurooppaan waraana irraa fagaachuu yoo barbaadde, waraanaaf qophaa’uu qabdi,” jedhan Kibxata darbe.
“Bara 2030tti Awurooppaan haala ittisa Awurooppaa cimaa qabaachuu qabdi” jechuun dubbachuu ishee France 24 gabaaseera.

