ONM-ABO Bitootessa 20, 2025
Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Heellaa Akkiyyaa keessatti loltoonni Koloneel Abiy Ahimed maqaa sochii WBO dhabamsiisuu jedhuun Bitootessa 18, 2025 bobbaafaman haawwan hedduu ukkaamsanii hidhuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.
Haawwan hidhaman keessa kanneen daa’imman xixiqqoo irraa ukkaamfamuun hidhamanis keessatti kan argaman oggaa ta’u, maqaan isaaniis:
- Haliimaa Dittaa,
- Na’ima Adam,
- Faaxumaa Adam,
- Hawwaa Ibraahim,
- Aashaa Muhammadnuur,
- Misraa Husiyaa,
- Diitee Kamaal,
- Timiree Jibriil,
- Kaamilaa Abdoo,
- Rahiimaa Ahimad,
- Faaxumaa Abdallaa,
- Fatiyaa Araaraa,
- Daduu Jundii,
- Daraartuu Kadiroo,
- Shukkaaree Adam,
- Buulii Kamaal,
- Roozaa Jibroo,
- Amartii Guutoo,
- Saartuu Waziir,
- Faaxumaa Haamiid,
- Ra’isaa Musxafaa,
- Diiree Abbee fi
- Leeyillaa Gabii kanneen jedhaman akka ta’an beekameera.
Rakkoo siyaasaa wal-mariin furuu irra daranuu dhibdee babaldhisee nagaa hawaasaa booressaa kan jiru murni Bilxiginnaa haawwan dabalatee daa’imman umriin isaanii 18 gadii mana hidhaatti jumlaan naquun qorqalbii miidhee bitee bulchuuf hojjechaa jira.

