• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Arsii Lixaa Aanaa Nageellee Arsii keessatti ijoolleen umuriin isaanii 15 gadii kan baay’inaan 10 ta’an waraana faashistii PP’n butamanii dhabamsiifamuun barame

Mar 22, 2025

ONM-ABO Bitootessa 20, 2025 

Murni gara laafummaa fi namummaan goonkumaa irraa mul’atee hin beekne, namoota nagaa ajjeesee jabdummaa fi gootummaan of himuu, hidhee olaantummaa seeraa kabachiisuu maqaa jedhuun hololuu fi dhabamsiisee hin argine jechuun haadhaa fi ilmoo addaan baasuu  aadeffate Bilxiginnaan Gurraandhala 14, 2025  daa’imman umurii 15 gadii kan baay’inaan 10 ta’an godina Arsii Lixaa aanaa  Nageellee Arsii ganda  Dhoobasaquun jedhamuu ukkaamsee hanga gabaasni kun qindaa’eetti lafti isaan jiran hin beekamin jira.

Maqaan daa’imman kanneeniis:

  1. Daddafoo Gaanshee,
  2. Mahammad Guutoo,
  3. Umaroo Shukukuu,
  4. Kadiir Bariisoo, 
  5. Ayyuubii Dullee, 
  6. Kaliloo Bariisoo,  
  7. Milkeessoo Dhiboo,
  8. Kadir Dhiboo,
  9. Umar Shuuboo fi 
  10. Kamuu Saaxinii kanneen jedhaman ta’uu gabaasni ONM qaqqabe ni ifoomsa.

Waggoottan murni Bilxiginnaa aangootti dhufe keessa haadhi Oromoo madaa hin qoorre keessa seenuun kichuuwwan akka  Carraa Eliyaas, Amaanu’eel Wandimmuu fi Simboo Biraanuu kan dhabde har’as aara galfii fi boqonnaa tokko malee qe’ee Oromoota maraatti gaddaa fi gadadoon dabaree itti seenaa jira.

Leave a Reply