• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Hurrumuutti hidhamtoonni siyaasaa hiraarfamaa jiraachuun ibsame

Mar 22, 2025

ONM-ABO Bitootessa 22, 2025 

Bitootessa 19, 2025 irraa eegalee godina Iluu Abbaa Booraa bulchiinsa magaalaa Hurrumuutti hidhamtoonni siyaasaa maqaa dharaan himataman manneen hidhaa irraa akka ba’aniif heyyamni mana murtii irraa isaaniif kennamus poolisoonni gadhiisuu diduun waajjira poolisii keessaa halkan halkan baasuun reebicha haalaan ulfaataa irratti geggeessaa jiraachuun beekameera.

Adda durummaan yakka sarbamiinsa mirga namoomaa kana uummata irratti raawwachisaa kan jiru Poolisii sirnichaa komaander Nagaasaa jedhamu ta’uu kan eeran maddeen, hidhamaa siyaasaa kan maqaan isaa Kamaal Mulunaa jedhamu guyyoota 14 oliif hidhamee kan jiru manni murtii bilisaan gadi dhiisnaan, ajaja poolisichaan akka keessatti hafee jirus itti dabaluun eeraniiru.

Kana malees hidhamtoonni siyaasaa hedduun halkan walakkeessa manneen hidhaa irraa baafamuun reebichaa fi ajjeechaan irratti raawwachaa akka jirus jiraattotni ONM’tti himaniiru.

Goolessitootaa fi saamtoota murni PP bobbaaseen mirga bilisaan jiraachuu mulqamuun rakkinoota garaa garaaf saaxilamaa kan jiru uummanni Oromoo, yeroo irraa gara yerootti dararaan irratti heddummachuun nagaan ba’ee galuu dhorkamee yaaddoo ulfaataa keessummeessaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading