ONM-ABO Bitootessa 22, 2025
Jarman Jimaata kaleessaa gargaarsa waraanaa haaraa Yukireeniif Yuuroo biiliyoona sadii (Doolaara biiliyoona 3.25) raggaasiste. Kunis mariin Ameerikaan Moskoo fi Keev waliin taa’amu guyyoota muraasa dura.
Maallaqni kun meeshaalee ittisaa biyyattiif humnoota Raashiyaa loluuf kan ramadame yoo ta’u, kunis meeshaa waraanaa, diroonii, konkolaataa hidhannoo fi sirna qilleensa ittisuu dabalateeti.
Koreen Baajata Paarlamaa maallaqa kanaaf fedhii kan agarsiise yoo ta’u, mootummaan tumsaa Chaansilarri Oolaf Iskoolz gadhiise keessatti wal dhabdee uumameen ji’ootaaf dhaabbachaa ture.
Pirezidaanti Voldaameer Zelenskiin gargaarsa haaraa kanaaf X irratti barreessuun Jarmaniin galateeffataniiru jechuun AFP’n gabaaseera.




