ONM-ABO Bitootessa 21, 2025
Onkoloolesa bara 2023 irraa eegalee waraana duguuggaa sanyii Israa’el Gaazaa irratti raawwatteen lakkoofsi namoota du’anii 49,617tti ol ka’uu isaa ministeerri fayyaa Kamisa kaleessaa ibseera.
Ibsi tajaajilaa ba’e akka agarsiisutti, haleellaa Israa’el ganama barii irraa eegalee raawwateen namoonni 85 du’anii 133 ammoo madaa’aniiru.
Akka ministeerichi jedhutti, yoo xiqqaate namoonni 112,950 ammoo Onkoloolessa bara 2023 irraa eegalee weerara Israa’eliin miidhaan irra ga’eera.
Waraanni Israa’el Kibxata irraa eegalee haleellaa qilleensaa cimaa ta’e geggeessuun, waliigaltee dhukaasa dhaabuu fi hidhamtootaa ji’a Amajjii keessa ture cabseera.
Sadaasa darbe manni murtii yakkaa idil-addunyaa muummicha ministeera Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu fi Ministirri Ittisaa isaanii duraanii Yohaav Gaalaant yakka waraanaa fi yakka dhala namaa Gaazaa keessatti raawwatameef akka qabamaniif ajaja baasee ture jechuun Anaadooluun gabaaseera.


