• Thu. Nov 26th, 2026

Murni faashistii PP Daandii Asfaaltii Canqaa Gidaamii Kontiraaktota Waliin Walta’uun Ofii Danqee Waan Akka Waraanni Bilisummaa Oromoo Dhorkeetti holola Geggeessaa Jiraachuun Barame 

Mar 22, 2025

ONM-ABO Botootessa 21, 2025 

Sirni nama nyaataan PP siyaasa booddessaa fi holola gatii hin baafne Waraana bilisummaa Oromoo irratti oofaa ture itti fufus hanga har’aatti itti milkaa’ee hin beeku. Akkuma Artist Haacaaluu Hundeessaa ajjeesee “Shaneetu ajjeese” jedhee ibsa baase, Abbootii Gadaa Karrayyuu jumlaan “shaneetu fixe” jedhee aanga’otaa fi miidiyaalee isaan dubbachiise murni kun qaanii kan hin beekne ta’uun isaa uummata Oromoofis uummata addunyaafis ifaadha. 

Yeroo dhihoo as ammoo “Oromiyaa construction corporation” kan jedhan  piroojektii daandii asfaaltii Canqaa-Gidaamii hojjechuu eegalee ture.

Piroojectichas nama Oliyaad jedhamutu hogganaa jira. Dhiheenya kana aanaa Gaawoo Qeebbee naannoo Gaara Qirixxeetti maashina daandiii ittiin hojjechuuf gara sanatti geeffame ofuma isaaniitii abidda itti qabsiisuun gubuun hawaasa keessatti gaaffii uumee ture.

Kana gochuun isaanii akka waan WBO’n daandiin “Asfaaltii” kun hin hojjetamne dhorkee fakkeessuuf, maashina kanayyuu WBO’tu gubee akka daandiin hin hojjetamne dhorke jechuuf holola siyaasaa qopheeffatanii ta’uun barameera. Kana malees Waraana Bilisummaa Oromootu bilbilaan nu doorsise gabaasa jedhus waliif galchanii akka jiran oduun isaanii dhagahameera. 

Akkuma beekamu karaan kun karaa duraanuu hojiirra jiru, firaa fi diinni akkasuma uummatni aanaalee garaa garaa irra deemaa jiru, kan guyyaa guyyaatti tajaajila kennaa jiru waan ta’eef Waraanni Bilisummaa Oromoo hojjetamuu karaa kanaa irraa jibba qabu tokkollee akka hin qabnee fi misooma uummataa akka deggeru yeroo aanaa Gidaamii to’atee turetti daandii Gidaamii fi Garjeedaa hoggeessota isaan hojjechuun ni beekama.

Haa ta’u malee maashina kana Gaara Qirixxee keessatti gubuun isaanii, uummatni akka waan WBO’n gubeetti yeroo isaan hololan akka amanuuf barbaadameeti. 

Dhiheenyatti kallattii adda addaan kuusaan kijibaa PP kun gadi bahee daandii asfaaltii Wallaggaaf kenname akka hin hojjetamne danqan jechuuf afaan mi’eeffataa waan jiruuf uummatni Oromoo dhimma kana dursee quba qabaachuun barbaachisaa akka ta’e odeessi keessoo PP irraa nu qaqqabe addeessa.

Leave a Reply