• Tue. Nov 24th, 2026

Jiraattonni Godina Baha Wallaggaa Aanaa Gudayyaa Biilaa miidhaaleen lukkeelee PP’n irratti raawwatamu guyyaa guyyaan dabalaa jiraachuu ONM’tti himan 

Mar 24, 2025

ONM-ABO Bitootessa 23, 2025 

Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaatti rakkoolee nageenyaan wal qabatan irra deddeebiin kan mul’atu oggaa ta’u, hawaasni badii isaanii malee jeequmsaa fi sirna dhablummaa loltootni Bilxiginnaa uumaa jiraniin saamamuu, hidhamuu fi ajjeefamuun hiree ta’ee jira.

Kana malees hawaasa daandii gubbaa mana qabu gaaffii seeraa tokko malee seera qabeessummaa hin qabdu jedhanii osoo namoonni waraqaa seera qabeessummaa itti agarsiisanii harkatti ciruun manneen diiguunis jabaatee jiraachuu kan himan jiraattonni, uummatni rakkoolee isa quunnamaa jiruuf qaama itti himatus dhabee qe’ee fi qabeenyaa gadhiisuun magaalaa irraa baadiyyaatti godaanaa jiraachuun ibsameera.

Murni oduun malee qabatamaan hawaasaaf bu’aa buusee hin beekne Bilxiginnaan, maqaa misoomaan qabeenya saamuu, mancaasuu, akkasumas nageenya biyyaa eegduun abbaa fi ilmaan addaan baasuu, qulqullina magaalotaaf jechuun manneen harka qalleeyyii diiguu fi hojiilee jireenya hawaasatti gufuu ta’an mara hojjechuun lammiileetti jireenya  hadheessaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply