ONM-ABO Bitootessa 24, 2025
Jiraattota godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee kan ta’an namoonni maqaan isaanii:
1. Aadde Dingishee,
2. Aadde Asaggaduu Biraanuu fi
3. Hawwan Hedduun baatii tokkoo oliif daa’imman xixiqqoo waliin hidhamanii mana hidhaa keessatti hiraarfamaa jiraachuu jiraattonni ONM’f eeraniiru.
Akka ona Toleetti namoonni waajjira poolisii keessatti hidhamanii jiran 200 ol yoo ta’an, waraanni maafiyaan PP fi kaadiroonni Bilxiginnaa ilaalcha namoonni keessaa quba hin qabneen yakkanii baatiilee dheeraaf hidhuun gariin maallaqa guddaa gaafatanii hidhaa irraa kan baasan yoo ta’u, kanneen qarshii kaffalan dhaban ammoo yeroo dheeraaf hidhanii hiraarsaa jiraachuunis addeeffameera.
Bulchiinsa Bilxiginnaa keessatti jiraattonni mirga guutuu argatanii jiraachuu fi kabaja namummaa qabaachuun kan heyyamamuuf dirqama yoo miseensa paartii badhaadhinaa ta’anii fi waliin hiriiranii hojiiwwan lubbuu balleessuu kan deggeran ta’e malee sabboonummaa qabaannaan hireen isaanii hidhamuu fi ajjeefamuu ta’uun ni beekama.


