ONM-ABO Bitootessa 25, 2025
Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuutti murni PP daldaltoota onichaa walitti qabuun tokkoon tokkoon keessan qarshii 37,500 baaftanii qawwee kilaashii bitachuu qabdu ittiin jechuun dararaa kan jiran oggaa ta’u, dura kana qarshii 11,000 kaffaltu gaafa kilaashiin isinii dhufu immoo qarshii 26,500 dabaltanii fudhattanii WBO ittiin of irraa eegdu jechuun tooftaa haaraan saamicha daangaa hin qabne geggeessaa jiraachuun barameera.
Karoorri inni baafatu yeroo mara saamichaa fi dararaa uummataa kan ta’e murni balfamaan Bilxiginnaan maqaalee garaa garaan midhaan nyaataa hanga maallaqaatti uummata irraa saamaa kan inni ture ga’uu didnaan yeroo ammaa kana immoo goleewwan Oromiya cufatti maqaa qawwee isiniif binnee ittiin biyya eegdu jedhu maxxanfachuun uummata qaala’iinsa jireenyaan wal’aansoo qabaa jiraatu irraa afaan qawween qarshii guurrachaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.
Bulchitoonni impaayerattii wal harkaa fuudhuun geggeessaa har’a ga’an ilmaan namaaf goonkumaa gara laafummaa kan hin qabne, hojiilee qonnaa, daldala, dinagdee, siyaasaa fi hawaasummaa irratti gufuu ta’uun uummata bitanii bulchuuf hammina daangaa darbe hojjechaa jiru.

