• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Yamaaloogii Walalitti dararaan hawaasa nagaa irratti taasifamu cimee itti fufe

Mar 25, 2025

ONM-ABO Bitootessa 25, 2025 

Qellem Wallaggaa aanaa Yamaaloogii Walal ganda Loomica Cabalitti maqaa gibiraa fi taaksii akkasumas inshuraansii fayyaaf jedhuun kaffaltii marsaan isaa hin beekamnee fi dhaabbataa hin qabneen hiraarfamaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan. 

Oduudhuma dararaatiin ammoo torban lamaan darbe keessa Waraanni Bilisummaa Oromoo milishoota gandaa irratti tarkaanfii fudhatee ari’uun mooraa diinaa gubee barbadeessuu hordofee waajjira keenya gubateef gammadanii sirbitan jechuun namoota nagaa shan irratti reebicha qaamaa ulfaataa raawwachuun waajjira bulchiinsa ganda 18 jedhamutti hidhanii erga dararaa turanii booda qarshii kuma Shan, shan adabanii gad lakkisuu maddeen ONM’f ifoomsanii jiru.

Namoonni kunneenis maqaan isaanii:

  1.   Asheetuu Yiggazuu,

  2.   Darajjee Asaffaa,

  3.   Dirribaa Saamu’eel,

  4.   Boonaa Shukaa,

  5.   Abbabaa Nagaasaa kanneen jedhaman yoo ta’an akka maddeen jedhanitti namoonni adabbiin hidhaa, maallaqaa fi reebichaa irratti raawwate kunneen badii tokkollee kan hin qabne akkasumas tuttuqaa siyaasaa fi deggeraa dhaaba  kamiyyuu kan hin taane ta’uu ibsuun jaleewwan Bilxiginnaa kunneen immoo sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun kan hiraarsan ta’uu itti dabaluun addeessaniiru.

Leave a Reply