• Tue. Nov 24th, 2026

Jilli Raashiyaa fi Ameerikaa marii biyyoota lamaanii marsaa haaraa Sa’uudii Arabiyaa keessatti jalqaban 

Mar 25, 2025

ONM-ABO Bitootessa 25, 2025 

Raashiyaa fi US marsaa haaraa marii biyyoota lamaanii kaleessa Sa’uudii keessatti jalqaban.

Dhaabbanni oduu mootummaa Raashiyaa Tass akka gabaasetti mariin kun Riyaad keessatti bifa cufameen kan eegale yoo ta’u, qondaaltonni nageenyaa Sa’uudii gaazexeessitoonni bakka sanaa akka gadhiisan gaafachuu isaanii gabaaseera.

Kamisa darbe gargaartuu pirezidaantii Raashiyaa Yurii Ushaakov, gorsaa nageenya biyyaalessaa Ameerikaa Maayikeel Waaltz waliin bilbilaan erga dubbataniin booda, mariin marsaa haaraan kun Amajjii 24 Riyaad keessatti akka gaggeeffamu beeksisanii turan.

Walgahiin kun “baayyee kaka’umsa hojiirra oolmaa beekamaa ta’uu danda’u nageenya navigeeshinii Galaana Gurraacha ilaalchisee” kan kaayyeffatedha” jechuun Ushaakov ibsiteetti.

Walgahiin jila lamaan gidduutti taasifame kun, jila Kyiv fi Waashingitan Sa’uudii Arabiyaa keessatti Dilbata darbe geggeessaan hordofee yoo ta’u, waltajjjii sana Ministirri Ittisaa Yukireen Rustem Umerov ”bu’a qabeessa” jechuun ibsaniiru.

“Pireezidaantii Volodymyr Zelenskyy’s biyya keenyaa fi ummata keenyaaf nagaa haqa qabeessaa fi waaraa argamsiisuuf akkasumas, bal’inaan, Awurooppaa guutuuf. Galma sana dhugoomsuuf hojjechaa jira,” jechuun Umerov Feesbuukii irratti ibsuu Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply