• Tue. Nov 24th, 2026

Waldhabdeen Sudaan Kaaba Daarfuur keessatti uumameen maatii 15,000 buqqa’u Mootummootni Gamtooman UN ibse

Mar 25, 2025

ONM-ABO Bitootessa 25, 2025 

Wal waraansa Sudaan keessatti dhalateen Kaaba Daarfuritti sa’aatii 48 qofa keessatti naannoo “maatii 15,000” magaalaa Al-Malha irraa buqqisuu isaa dhaabbati godaansaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Wiixata kaleessaa ibseera.

Kamisaa hanga Jimaataatti, walitti bu’iinsi Humnoota Deggarsa Ariifataa, Waraana Sudaanii fi milishoota isaa gidduutti uumameen maatiin naannoo tokko keessaa “bakka birootti” akka baqatan dirqisiise jedha dhaabbati godaansa idil-addunyaa.

Biyyattii keessatti namoonni miliyoona 11 ol ta’an biyya keessaa buqqa’anii kan jiran yoo ta’u, walakkaan uummataa jireenyi isaa gargaarsa namoomaa irratti kan hundaa’edha.

Yeroo ammaa kana Sudaan keessatti namoonni miliyoona 8.1 ta’an balaa nyaataa cimaa keessa jiru, 638,000 ammoo balaa beela’uu hatattamaan akka qaban AFP fi miidiyaaleen biroo gabaasaniiru.

Leave a Reply