• Wed. Nov 25th, 2026

Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Lixaatti Dabbaloota hawaasaa yeroo dheeraaf leenjii siyaasaa kennafii ture xumuruun eebbisiseera

Mar 26, 2025

ONM-ABO Bitootessa 26, 2025 

Waraanni Bilisummaa Oromoo walakkaa jaarraa tokkoof falma haadha’aa murna garboomfataa waliin qabsoo bifa qindaa’een dhaaba tokko jalatti taasisaa jiru keessatti uummata Oromoo abbaa qabsichaa ta’eef hubaannoo siyaasaa fi haala qabatamaa qabsoo isaa bifa garaa garaan hubachisaa fi leenjisaa ture itti fufeera.

Haaluma kanaan Bitootessa 20, 2025 Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Lixaatti miseensota hedduu uummaticha keessaa fudhachuun yeroo dheeraaf leenjii siyaasaa ykn dabballummaa hawaasaa kennaafii ture xumuruun irbuu seensisee dirqamaaf bobbasee jiraachuu hoogganaan WBO naannicha keessa socho’u beeksise.

Akka miseensoonni haaraan leenjii kana fudhataa turan jedhanitti caarraa leenjii siyaasaa ykn dabbalummaa fudhatan kanatti gammaduu himuun, dirqama dachaa haala qabatamaa qabsichaa fi tarsiimoo dhaaba isaanii hawaasa  barsiisuu fi hubaannoo kennuuf of qopheessuu isaanii ONM’tti dubbataniiru.

Leave a Reply