• Wed. Nov 25th, 2026

Turkiin namoota hiriira mormii irratti hirmaatan ogeessa AFP dabalatee 1,500 ta’an to’annoo jala oolchite

Mar 27, 2025

ONM-ABO Bitootessa 26, 2025 

Namoonni 1,500 ta’an ogeessa suuraa AFP dabalatee to’annoo jala kan oolan yoo ta’u, mormiin kun ammas namoota kuma kudhaniin lakkaa’aman hirmaachisuun magaalaa guddoo Turkii keessatti Kibxata kaleessaas sababa mormituun siyaasaa guddaan Prezidaant Reciip Tayip Erdoyaan erga to’annoo jala oolee booda mormiin itti fufeera.

Mormiin guddaan waggoota kurnan darban keessatti Turkiyaa ka’e torban darbe himannaa malaammaltummaa irratti kantiibaan magaalaa Istaanbul Ekrem İmamoğlu jedhamu to’annoo jala ooluu isaa hordofee ka’e, hidhamu isaa deeggartoonni mormitootaa akka seera ifatti cabsuutti ilaalu.

Aangawoonni tarkaanfii hiriira kana irratti tarkaanfii fudhachuun kan sodaachisan yoo ta’u, gaazexeessitoonni torba mormii kanaaf uwwisa kennaa turan Kibxata  mana murtii Istaanbuliin to’annoo jala oolaniiru.

Isaan keessaa ogeessi suuraa AFP Yasin Akgül jedhamu, dhaabbata oduu Paaris keessa jiru irraa keessatti argama.

Gabaasaan garee bilisummaa miidiyaa daangaa hin qabne (RSF) hidhamuu kana farra jechuun balaaleffataniiru.

Hanga Kibxataatti poolisiin namoota 1,418 “hiriira seeraan alaa” irratti hirmaachuu isaaniitiin to’annoo jala oolchee ture jechuun Ministirri Biyya Keessaa Alii Yerlikaya fuula X irratti barreessuu Rooyiters gabaaseera.

Leave a Reply