ONM-ABO Bitootessa 27, 2025
Mooraan cubbuu fi dhiiga lammiilee qulqulluu dhangalaasuun ijaaramte mooraan waraana Bilxiginnaa haqni uummata qulqulluu walitti isaan deebisuun bakkeewwan addaa addaatti haleellaa wal irratti taasisuun du’aa fi madoon wal adabaa kan jiran oggaa ta’u, Bitootessa 25, 2025 aanaa Najjoo ganda Qotee Gannasii irraa miseensi waraana raayyaa ittisa impaayerittii tokko dhukaasa garee isaanii irratti banuun du’aa fi madoon wal adabuun beekameera.
Maddi wal dhibdee gidduu isaaniitti uumamaa jirus inni ijoon shakkii ilaalcha WBO qabduu fi qoodiinsa sanyummaa isaan gidduutti dhalatu yoo ta’u, doorsisaa fi dararaa ilmaan Oromoo irratti sirnichi raawwachaa jiru ilaaluun miseensi loltuu Bilxiginnaa duraanii kun dhukaasa irratti baneen battalatti lama irraa ajjeesuun hedduu madeessee sirnicha keessaa miliquun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuun dhaga’ameera.
Tibbana taateewwan wal fakkaatoon irra deddeebiin mooraa dabaa Bilxiginnaa keessatti mul’achaa jiru, godina Bunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa, Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Waabaraa, Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeelii fi bakkeewwan hedduutti loltoonni Bilxiginnaa kun rakkoo isaan gidduutti uumamaa tureen ajjeechaa wal irratti raawwachaa turuu isiniif gabaasuun keenya ni yaadatama.
