ONM-ABO Bitootessa 27, 2025
Kooriyaan Kaabaa bara kana loltoota dabalataa 3,000 gara Raashiyaa erguun, lola Raashiyaan Yukireen irratti geggeessaa jirtu gargaaruuf misaa’eloota, meeshaa waraanaa fi rasaasa dhiyeessuu itti fufteetti jedhe waraanni Kooriyaa Kibbaa Kamisa har’aa.
Raashiyaa fi Kooriyaan Kaabaa erga Moskoo bara 2022’tti Yukireen weerartee as walitti dhihaachuun, Kooriyaan Kibbaa bulchaan Kooriyàa Kaabaa Kiim loltoota kumaatamaan lakkaa’amanii fi meeshaalee waraanaa heddyu erguun Moskoo gargaaruun himatte.
Moskoos ta’e Piyoongiyaang bobbaa loltoota kana ifatti hin mirkaneessine, garuu biyyoonni lamaan bara darbe waliigaltee waraanaa bal’aa ittisa walii dabalatee mallatteessaniiru jechuun AFP’n gabaaseera.

