ONM-ABO Bitootessa 27, 2025
Bitootessa 26, 2025 aanaa Anfilloo ganda Waabaa bakka addaa Boogaa jedhamutti guyyaa keessaa toora sa’a 6:30’tti abbaa ilmaan lamaa kan ta’e nama maqaan isaa Guutamaa Asaffaa jedhamu tiksitoonni impaayerattii jiraachuu ilmaan Oromoo hin feene Oromummaa isaa qofaaf rasaasa itti roobsanii ajjeessanii gatuun ibsame.
Waraanni namummaan itti hin dhaga’amne kunneen erga ajjeesanii boodas reeffa maatii dhorkachuun bakkeetti eegaa turuus jiraattonni himaniiru.
Gara jabeeyyiin ergamtoota murna PP dabaa fi hammina malee gaarummaa tokko saba irraa dhalataniif yaadanii hin beekne barcuma Abiy Ahimed tiksuuf nama nagaa faallaa Bilxiginnaa dhaabbatte ittiin jechuun dhiiga qulqulluu dhangalaasaniiru.
