• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Baha Harargee Aanaa Baddannootti ergamtoonni Bilxiginnaa lafa mana barumsaa qooddatanii qotachuu fi maqaa qawwee bitaa jedhuun saamicha raawwachaa jiraachuun himame

Mar 29, 2025

ONM-ABO Bitootessa 29, 2025 

Kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa caasaa gandaan dhiheenya kana gandoota irratti ramadaman “kabaja guddaatu nuuf mala” jechuun hawaasatti bobba’anii maqaa galiin saamaa hojii dhuunfaa isaaniinis uummata dararaa jiraachuun barame.

Godina Baha Harargee aanaa Baddannoo araddaa Gooroo Wadoo jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa osoo barsiisonni miindaa xiqqaan lammii qaran faayidaa mana barumsaa irraa argachuu qaban jiranii, bakka itti hin barbaadamnetti argamuun Bitootessa 25, 2025 lafa mana barumsaa humnaan qooddachuu jiraattonni araddichaa ONM’tti himanii jiru. 

Lafa kireeffamee galii mana barumsaa guddisuu danda’u ykn barsiisotaaf kennamee bu’aa isaaniif buusuun hiyyummaa keessaa baasuu danda’uu, jaleewwan Bilxiginnaa aangoo qabanitti fayyadamuun, gargar waliif qoqqooduun qotuu kan eegalan yoo ta’u, gochi isaanii mana barsiisotaa fi hawaasaaf qaban kan agarsiisan ta’uun ibsamee jira.

Aanaadhuma Baddannoo bulchiinsa magaalaa Furdaa jedhamurraa lukkeeleen Bilxiginnaa torban darbe irraa eegaluun maqaa “qawwee bitaa naannoo keessan eeggadhaa” jedhuun hawaasa ofiifuu rakkoo qaala’iinsa jireenyaa fi baasii mootummaan rakkachaa jiru dirqamsiisanii qarshii 200 tokko tokkoon namootaa irraa guuraa jiranii fi namoota qarshii jedhame kaffaluu didan immoo reebicha hamaa irraan gahuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu fi dararaan ergamtoota Bilxiginnaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jiraachuun itti dabaluun eeramee jira.

Yeroo itti rakkoo siyaasaa karaa seeraa fi ammayyaa’een gadi taa’ee fura jedhamutti Bilxiginnaan, ammas dibbee lolaa fi meeshaa waraanaa tumuun, hawaasa nagaa dheebotee faallaa isaa qawwee bitadhaa jechaa jiraachuun barameera.

Leave a Reply