• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Giddaa Ayyaanaatti maanguddoon tokko ajjeefamuu fi reebichi loltoota Impaayerattiin raawwachuun dhaga’ame 

Mar 29, 2025

ONM-ABO Bitootessa 28, 2025 

Waraanni impaayerattii Bitootessa 25, 2025 godina Baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Dirree Guddaatti ajjeechaa fi reebicha jiraattota irratti raawwachuun ibsame.

Guyya kana jiraataa ganda Dirree Guddaa kan ta’e namni maqaan isaa; Obbo Margaa Mangashaa jedhamu rasaasaan kan ajjeeffame oggaa ta’u, jiraattuuma gandichaa kan taate Aadde Araaree sxMargaa kan jedhamtus loltoota Bilxiginnaan morma ishee irra saanjaan waraanamuun haalli fayyummaa ishees yaaddessaa akka ta’e beekameera.

Kana malees namoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Abdiisaa Adulee, 
  2. Aadde Loomee Gannatii daa’ima xiqqoo waliin,
  3. Obbo Waaqjiraa Abbabaa hojjetaa Wangeelaa Waldaa Masarata Kiristoos fi 

namoonni yeroof maqaan isaanii adda hin baane hedduun loltoota abbaa irree Bilxiginnaan reebichi jabaan irratti raawwachuun addeeffameera.

Leave a Reply