• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbee keessatti hidhaa fi dararaan Waraana Bilxiginnaan uummata Oromoo irratti raawwatu cimee itti fufe

Mar 29, 2025

ONM-ABO Bitootessa 28, 2025 

Aanaa Baakkoo Tibbee ganda Amartii Gibee keessatti Bitootessa 26, 2025 hidhattootni sirnichaa obboleewwan lama kanneen maqaan isaanii:

  1. Gammachuu Xaaloo fi
  2. Cimdeessaa Xaaloo jedhaman 

badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaan yakkuun mana isaaniitii qabanii waajjira poolisii aanichaatti yoo hidhan 

nama maqaan isaa:

     3. Daanyee Cimdeessaa jedhamu ammoo 

maqaa hidhata WBO qabda jedhu itti maxxansuun reebicha ulfaataa irraan ga’uu irra darbanii saanjaa qawweetiin waraananii du’eera jedhanii gatanii yoo deeman birmannaa hawaasni naannoo taasiseefiin bakkanni kufee jiruu kaafamee mana yaalaa geeffamuun yeroo ammaa du’aa fi jireenya gidduu kan jiru ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.

Akka maddeen himanitti namoonni kunneen hirmaannaa siyaasaa qabaataniif osoo hin taane waraanni sirna dhableessi PP tibba darbe lola Waraana Bilisummaa Oromoo waliin naannicha keessatti geggeessaa tureen injifatamuu irraan kan ka’e aarii isaa hawaasa meesha maleeyyii irratti ba’an jechuun ONM’tti himaniiru.

Murni afaaniin nagaa labsaa guyyaa irraa gara guyyaatti waraana isaa safuu uummataa fi saayinsii waraanummaa hin beekne golee Oromiyaa maratti bobbaasuudhaan hawaasni nagaan ba’ee akka hin galle taasisaa jiru Bilxiginnaan, maqaa sakattaa WBO jedhuun gochoota farra namoomaa uummata nagaa irratti geggeessuu jabeessee itti fufee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading