ONM-ABO Bitootessa 28, 2025
Gareen hidhattoota Falasxiin Kamisa kaleessaa mormii guddaa jalqabaa waraana Gaazaa fi bulchiinsa Hamas irratti ka’e booda kaayyoo Israa’el fuulduratti tarkaanfachiisuu isaaniitiin hirmaattota hiriiraa adabbiin doorsisan.
Falasxiinonni dhibbaan lakkaa’aman guyyoota darban keessa Kaabaa fi Giddugaleessa Gaazaatti hiriira kan ba’an yoo ta’u, gariin isaanii “Hamaas nuuf haa ba’u” jechuun dhaadatan.
Hiriirri dabalataa mootummaa Israa’eliin jajame Kamisa karoorfamee ture.
Ibsi “garee Diddaa Falasxiin”, gareen Hamaas fi kanneen biroo dabalatee, qaamolee mormii akkasii qindeessanii fi itti hirmaatin irratti adabbii akka taasisu doorsisee jira.
Qondaaltonni Hamaas namoonni mirga mormuu qabu jechuun garuu hiriirri kaayyoo siyaasaaf ykn Israa’el waggoota kurnan lamaan darbaniif naannoo Falasxiin dhuunfachuu, waldhabdee fi buqqa’iinsa isheen taasiste balaaleffachuu irraa bilisa ta’uu hin qabu jechuun ibsuu Rooyiters gabaaseera.


