ONM-ABO Bitootessa 29, 2025
Aanaa Meettaa Roobii ganda Warabbootti Bitootessa 26, 2025 qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Addunyaa Haayiluu jedhamu jalaa qabeenya keessa jiru waliin mana isaa gubanii kan barbadeessan yoo ta’u, Obbo Naggasaa Raggaasaa kan jedhamu jalaa ammoo loon lamaa fi midhaan nyaataa ardaba 12 fudhachuu maddeen ONM’f gabaasan.
Dararaan murna kanaan uummata irratti geggeeffamaa jiru jabaachuun gandichuma keessatti halkanuma sana toora sa’a 10:00’tti faashistoonni kunneen uummata walitti qabuun maqaa kaffaltii gibiraa jedhuun tokkoon tokkoon namootaan qarshii 8000-10,000 har’a Bitootessa 29, 2025 fiduu qabdu ittiin jechuun qawween akeekkachiisanii deemuun ibsameera.
kana malees guyyaadhuma sana dubartoota 3 haala nageenya isaaniif jecha maqaa dha’uun hin feesisne maqaa maatii qabsaa’otaati jedhuun reebicha ulfaataa irraan ga’anii kan deeman oggaa ta’u, yeroo ammaa kanas namoonni reebaman kunneen miidhaa jabaan waan irra ga’eef gara hospitaalaa deemuun yaalamaa jiraachuu maddeen dabaluun ONM’f eeranii jiru.


