• Wed. Nov 25th, 2026

Horroo Guduruu Wallaggaatti dirqiin jiraattota leenjii waraanaatti guuru, sababa kanaan saamuu fi namoota nagaa miidhuu hammeessan

Mar 30, 2025

ONM-ABO Bitootessa 29, 2025 

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo ganda Abee Dullachaa bakka addaa Hagabaa jedhamuun beekamu keessatti hidhattoonni PP gaafa Bitootessa 27, 2025 mana Obbo Qarsee Jaarsaa ibidda itti shiduun qabeenya keessa jiru guutuu waliin gubanii barbadeessuun ibsameera.

Oduu biraatiin ammoo aanaa Amuruu ganda Goobuu Sirbaatti namoota dirqiin mooraatti erguu fi warra dhaquu didan irraa qarshii kuma kudhanii kaasee hanga Kuma dhibbaatti saamaa kan jiran oggaa ta’uu kannneen qarshii kaffalan dhabanis ukkaamfamuun dirree leenjiitti ergamaa jiraachuun beekameera.

Kanneen maallaqa kaffalanii irraa of oolchan maqaan isaannii:

  1. Fayyeeraa Gusheel qarshii 50,000,
  2. Fayyeeraa Warqinaa qarshi 30,000,
  3. Caalaa Jireenyaa qarshii 10,000,
  4. Dachoo Asaanaa qarshii 10,000,
  5. Deebisaa Fufaa qarshii 10,000,         
  6. Amaanu’eel Gammachuu 10,000,
  7. Likkisaa Garramuu qarshii 10,000,
  8. Mammushee Lataa qarshii  50,000,
  9. Dinqaa Oljirraa qarshii 10,000,
  10. Jiruu Margaa qarshii 10,000,
  11. Likkisaa Gannatii qarshii 10,000 fi 
  12. Addisuu Dhaabaa qarshii 10,000 akka saamaman jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply