ONM-ABO Bitootessa 31, 2025
Baha Wallaggaa aanaa Gudayyyaa Biilaa ganda Haroo Guddisaatti waraanni faashistii PP Bitootessa 29, 2025 dargaggoo Fayisaa Shuree jedhamu baroota darban waajjira Poolisii aanichaatti waggaa 2 oliif gidirsaa kan turan mana hidhaa irraa baasuun ajjeesanii gatuu maddeen ONM’f eeran.
Oromomummaa isaanii qofa hadheeffachuun ilmaan Oromoo guddaa fi xiqqaa osoo hin jenne sababa tokko malee hiraarsuu kan adeeffate murni Bilxiginnaa gocha diinummaa isaa hammeessuun goleewwan Oromiyaa cufa keessatti gara jabeeyyii waraana isaa bobbaasuun jiruu fi jireenya Oromoota maraa barbadeessaa jira.
Barcuma aangoo isaanii namoota dararanii tikfachuun amaloota mootummoota abbaa keessaa isa tokko yammuu ta’u, yeroo ammaa kanas abbaan irree impaayerattii faana mootota habashaa hordofee jiru kolonel Abiy Ahemed kaayyoo dabaa abboota isaa irraa dhaale galmaan ga’uuf Oromiyaa cufa keessatti guyyaa dhufee darbuun lubbuu ilmaan Oromoo harcaasaa kan oolu ta’uun ni beekama.

