• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Baha Shaggar Aanaa Fantaalleetti loltoonni Bilxiginnaa horsiisee bultoota naannoo magaalaa qubachiisuun beelaaf saaxilaa jiraachuun himame

Apr 1, 2025

ONM-ABO Bitootessa 31, 2025 

Baha Shaggar aanaa Fantaallee keessatti jiraattonni argaman irra jireessi horsiisanii buluun kan jiraatan yoo ta’u, torbee darbe keessa ammoo loltoota sirnichaan maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun qe’ee jireenya isaanii baadiyyaa irraa kaafamanii gara naannoo magaalaa qubsiifamuun rakkoolee adda addaaf saaxilamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Gandoota aanichaa kanneeen akka: Haroo Qarsaa, Eebitii, Xoxxooxilaa fi Qobboo jedhaman keessaa hawaasa horsiisee bulaa gama tokkoon kirkira lafaan bir’ataa, gama kaaniin immoo hidhattoota Affaarii fi Amaaraan dararamaa jiraatu, lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun naannoo magaalaa aanichaa bakka tokko qubsiifamuun beelaaf saaxilamanii rakkoo ulfaataa keessa jiraachuun isaanii itti dabaluun ibsamee jira.

Horsiisee bultoonni loltoota sirnichaan qubsiifaman kunneen gara baadiyyaa keessatti horsiisanii jiraachaa turan akka hin deemneef halkanii fi guyyaa eegamaa kan jiranii fi hunda isaanii irraa qawween isaan  ittiin diina ofirraa eegan hiikamuun harka duwwaatti hafuu jiraattotni ONM dubbise ibsanii jiru. 

Loltoonni gara laafina tokkollee ilmaan Oromoof hin qabne kunneen citaa fi marga horsiisee bultootaa jalaa gubanii barbadeessuun, “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin nu lolaa jirtu; Yoo hiyyoomtan malee, mataa gad hin qabattan” jechuun kan itti dhaadachaa jiran yoo ta’u, uummata Oromoo Karrayyuu hongeen gaalaa fi horii biroo jalaa fixaa jirtu kanaaf rakkoo dabalataa ta’uun ifoomee jira.

Leave a Reply