ONM-ABO Ebla 1, 2025
Gareen ijaarsa maqaa “raayyaa miidiyaa” jedhuun murni Bilxiginnaa hundeesse, yeroo yeroon leenjii addaa addaa bakkeewwan akka Adaamaa Galma Abbaa Gadaa fi godinaaleetti aanaalee irraa walitti dhufuun, ajandaa siyaasaa uumanii hawaasa Oromoo fi lammiilee impaayerattii keessatti argaman burjaajessuuf leenjifamaniin hojii afaanfaajjii hojjechuu itti fufaniiru.
Keessattuu tibbana miidiyaa hawaasaa gubbaatti Waraana Bilisummaa Oromoo boojine jechuun murni garboomfataan PP ajandaa haarawaa qabatee sobaan gurra uummataa coomsaa jiru hordofee, erbe-raastonni sirnichaa kanneen ijaarsa raayyaa miidiyaan oftuulummaan fakkeessii uumuun beekamanis soba abbaa isaanii koloneel Abiy Ahimed mirkaneessuuf jecha ragaa sobaa hawaasa irratti dhiyeessuun uummata nagaa qalmaaf dhiyeessaa jiru.
Lixa shaggar aanaalee akka Jibaat, Jalduu, Abuunaa Gindabarat, Amboo fi kanneen biroo keessaas qonnaan bultoonni hedduun keessattuu maatiin qabsaa’otaa fi namoonni sabboonummaa qaban guyyaa guyyaan shiftoota koloneel Abiy Ahmediin guuramaa kan jiran yoo ta’u, meeshaalee waraanaas gariin uummataatti hidhuun, loltoota Sanyii Nagaasaa waliin galan faana hiriirsanii burjaajii uumaa akka jiranis beekameera.
Bilxiginnaan lola injifachuu hin dandeenye keessa seenee jiruun bakkeewwan hundatti siyaasa harkatti rakase miidiyaa gubbaatti baasus, hojiileen murna PP uummata Oromoof ifa ta’ee kan jiru oggaa ta’u, dharri fi fakkeessiin sirnichaas waggoottan ja’aa oliif lallabamus dhugaan lafarra jiru garuu kufaatii dinagdee, siyaasa fi waraana hamaa keessa seenee akka jirus taatewwan mul’achaa jiran ni addeessu.


