ONM-ABO Bitootessa 31, 2025
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo godina Baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu iddoo addaa Boolloo jedhamutti har’a Bitootessa 31 barraaqaan mooraa isheetti itti seenuun tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhateen du’aa fi madoon adabee mooraa ishee keessaa ari’uun mooricha barbadeessee jira.
Tarkaanfii kanaanis meeshaalee lolaa kilaashii 5n, jorooroo Bireenaa, hidhannoo, raashina ishee irraa dhuunfatee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗️

