• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Baha Harargee Aanaa Malkaa Ballootti dararaan jiraattota irratti waraana faashistii PP’n jabaachuun ibsame

Apr 3, 2025

ONM-ABO Ebla 2, 2025 

Murni Bilxiginnaa godina Baha Harargee aanaa Malkaa Balloo magaalaa Jaajaatti nama maqaan isaa Gaaddisaa Hasan Maammudee jedhamu badii tokko malee ukkaamsuun hidhanii hiraarsaa jiraachuun ibsameera.

Gaaddisaan dhalootaan Lixa Oromiyaa akka ta’ee fi maqaa ati seelii WBO’ti, ergama diinaa qabattee dhufte jedhuun yakkanii kan hidhan ta’uu jiraattotni himuun, kaadiroonni Bilxiginnaa onichaas hawaasa Oromoo kutaaf lagaan addaan qooduuf maqaa adda addaan yakkanii namoota Oromiyaa kutaalee biroo irraa hojiif garas deeman adamsanii hidhaa jiraachuun beekameera.

Akka onichaatti hidhamtoonni siyaasaa baay’inaan 150 ol ta’uun kan himamu yoo ta’u, kaadiroonni murna Bilxiginnaa hidhamtoota kanneen hidhaa irraa baasuufis qarshii gurguddaa gaafachaa akka jiran itti dabaluun himaniiru.

Leave a Reply